Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Murtii fi Ejjetnoo Kora Xiqqaa ABO-US.

MURTII EJJENNOO FI KUTANNOOLEE KORA XIQQAA KUTAA ABO-USA BARA 2009

Nuti miseensotni ABO Kutaa USA walgahii Kora Xiqqaa kan bara 2009 Guraandhala 28 fi Bitootessa 1, 2009 magaalaa Washington DC keessatti  geggeeffatnee milkii fi injifatnoon xumuranne. Haaluma kanaan murtii,  ejjennoo fi kutannoolee asiin gadii dabarfanne:

  1. Sadarkaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi sochii Adda Bilisummaa Oromoo biyya alaa keessatti bifa hundaan geggeessaa jirru erga marihannee, xiinxala bal’aa gooneen booda injifannoollee jirtu dinqisiifachaa, yoomiyyuu caalaatti jabinaan hojjeetuuf murteeffatne.
  2. ABOn haala rakkisaa ta’e keessa ba’ee bifa tasgabbaa’aa ta’een qabsoo itti fufee sochii  godhaa jiru dinqsiifachaa kana caalaatti gad-jabeessuuf  gara keenyaan waan nu irraa eegamu hunda  gumaachuuf murteeffatne.
  3. Gochaa gara jabiinaa kan sanyi-duguuggii mootummaa wayyaanee tiin ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru xumura itti godhuuf, furmaanni hundee jabinaan sochii qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuu waan taheef, sochii bilisummaa bifaa fi aynaa dhan daran cimsuuf qooda keenya bifa  hundaan ol kaasuuf waadaa keenya haaromsina.
  4. Qabeenyaa fi dandeettii teenyaan dhaaba keenya ABO  bira ni dhaabbanna. Dhaaba keenyaa fi hoggana keenya roorroo diinnan keenya bifa hundaan irratti gaggeessan dura dhaabbanna.
  5. Meeshaalee Sab-qunnamtii kan akka SBO fi Gaaddisa Dhugaa karaa miyaa/meeshaa, qunnamtii fi ogummaa tiin daran utubuuf murteeffatne.
  6. Dhimmi Diinagdee hundee jabina qabsoo teenyaaf murteessaa waan ta’eef  gumaacha karaa diinagdee dhaaba keenyaaf kennamuu malu dacha dachaan gumaachuuf murteeffatne. Gara fuula duraattis, hanga Bilisummaa teenya gonfannuu, utuu hin nuffiin (hin hifatin) gumaata keenya akka itti fufnu waadaa Kenya haaroomsine.
  7. Seeraa fi heera Dhaabaa kabajchiisuun hundee nageenya jaarmayaa tokkoo ti. Adda Bilisumma Oromoo keessattis haalli seera-dhablummaa yeroo fedheyyuu farra Qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo waan ta’eef haala akkasii dammaqinsaan ni eegna, haala akkasiis murannoon dura dhaabbanna. 
  8. Barnoonni bifa qormaataa fi bifoota addaa addaan dhihaate akka itti fufu jechaa,  nutis qooda keenya kennuuf murteeffanne.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

***<:>***

Bitooteessa 1, 2009

Washington DC

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net